• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Hawwii Guddinaatti ergamtoonni PP hidhaa fi saamicha hammeessanii jiraachuun himame

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Naamusni waraanummaa kan itti xiqqaatu waraanni murna Bilxiginnaa xiqqaa fi guddaa osoo adda hin baasin guyyaa guyyaan rasaasa itti roobsuun ilmaan Oromoo lafarraa duguugaa, hidhaa, saamaa, mana irratti gubaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa kan jiran, gochoota badii isaanii kana itti fufuun kutaalee Oromiyaa mara keessatti dararaa humnaa olii hammeessanii jiru.

Godina Lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaatti ergamtoonni PP hidhaa fi saamicha hammeessanii jiraachuun himamee jira.

Magaalaa Ibsaa jedhamu irraa  Fulbaana 10, 2024 namoota doqdoqqee qaban hunda hidhaatti guuraa kan turanii fi abbootiin qabeenyaa doqdoqqee qarshii kuma shan shan akka kaffalan dirqisiisaa jiraachuu fi kanneen kaffaluu didan ammoo hidhaatti darbataa jiraachuu jiraattonni magaalichaa eeran.

Akka jiraattonni magaalichaa eeranitti, ”doqdoqqee fayyaas haa ta’u cabaa, haaraas ta’e moofaa abbootii qabeenyaa doqdoqqee kan ta’an hunda irraa qarshii jedhame kana saamaa jiru, maqaa gibiraan giiphii  isaanii furdifataa jiru, namni maqaan isaa Obbo Miidhagsaa Gadaa jedhamu  Fulbaana 10, 2024 sababa kanaan hidhame jechuun jiraattonni ibsan.

Doqdoqqeen waajjira poolisii aanichaa jiru baay’inaan 61 oli, Namni qarshii 5,000 hin kaffalle, doqdoqqee isaa fudhachuu hin danda’u” jechuun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading