ONM-ABO Fulbaana 14, 2024
Irree fi gaachanni sabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Itti Fufiinsa Irbuu Shinniggaa Milkeessuuf tarkaanfii laalessaa lukkeelee diinaa irratti fudhachaa jiruun bakkeewwan adda addaatti injifannoo gammachisoo fi nama boonsan fudhachuu itti fufee jira.
Akka kanaanis Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayeetti jajjabeen loltoota Bilxiginnaatti haxxee itti hidhuun hedduu biyyee nyaachisee du’aa fi madoon adabuun meeshaa irraa hiikuun beekamee jira.
Leencichi abdii sabaa kan uummanni Oromoo fuulduree isaaf abdatu, guyyaa har’aa Fulbaana 14 ganamaan Korommiin Birgeedii Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee ganda Xaama’ii jedhamutti lukkeelee bilxiginnaa irratti haleellaa baneen hedduu battalatti rasaasaan gombisee biyyee nyaachisuun meeshaa waraanaa hedduu irraa hiikee galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo godhee jiraachuun ifoomeera.
Daandii cirracha gurraachaa guddicha Gudar-Finfinnee geessu irratti leencoliin ija barbadaa Birgeediin Abiddaa tarkaanfii laalessaa 3F tokko irratti fudhateen guutummaatti daaraa botoroo gochuun loltoota 9 battalatti ajjeesuun, AKM- 9, boombii F1- 18, rasaasa 1500 ol dugda ishee irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo godhee jiraachuu ajajaan birgeedicha beeksisee jira.
Injifannoon uummata Oromoof!
