ONM-ABO Fulbaana 14, 2014
Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessatti injifannoo galmeesse.
Tarkaanfii har’a aanaa Haaruu ganda Aallebantaa bakka Tulluu Bakakkoo jedhamtutti humna ganda ijaarra jechuun uummata dararaa turte irratti fudhatteen battalatti 9 ajjeesee 13 madeessuun of duuba deebiseera.
Madoo fi reeffa ishee konkolaataa lamaan kan kaafatte yoo ta’u, kanneen madoon hospitaala galan dabalatee lakkoofsi waraana Bilxiginnaa lola kanaan lubbuun darbee kanaa ol ta’uu akka danda’u odeessi achii arganne ni addeessa.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗
