• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessaa loltoonni raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa sadii qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti makaman

Sep 16, 2024

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii goowwomsaa fi maallaqaan teessoo sirnichaa akka tiksaniif bobbaafaman Bilxiginnaan uummata Oromoo bakka akka hin buunee fi qe’ee uummata Oromoo qe’ee gaddaa fi gadadoo gochuu isaa gaafa hubatan keessaa bahuun WBO’tti dabalamaa jiru.

Haaluma kanaan Fulbaana 12, 2024 aanaa Muneessaa ganda Heebaan Laqichaa fi magaalaa Kallachaa keessaa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii sadii qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti dabalamanii jiru.

Akka miseensonni kunneen jedhanitti mooraa isaanii keessa tokkummaan sabaa fi  Sab-lammootaa akka hin jirre kaasuun,  waraana dirqamumaan duubaan gara lolaatti oofaa jiru malee fedhii lolaa akka hin qabne  himan.

Haalli isaan ittiin WBO nu hubachiisanii fi nuti qaamaan dhufnee argine kan wal hin fakkaannee fi ilaalchi isaan uummata Oromoof qaban kan dinqisiisuudhas jedhan.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo sobaan gowwomtanii saba keessan irratti gochoota dabaa raawwachaa jirtan Bilxiginnaan uummata Oromoo bakka akka hin buune hubattanii gara qabsoo WBO’n geggeessaa jiruutti dabalamtanii akka saba keessaniif dhaabbattan jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Leave a Reply