• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Bonayyaa Bosheetti hidhaa fi dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

Sep 16, 2024

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Murni dheebuu aangoo qabuu fi teessuma siyaasaa karaa nagaa dabarsee kennuu hin barbaanne bilxiginnaan, sodaa lubbuu isaaniif qabanii fi aangoo irra turuuf jecha yeroo gara yerootti ajandaa garaa garaa bocanii waraana isaanii uummatatti bobbaasuun maqaa” ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun hawaasa nagaa irratti yakkoota gurguddaa raawwachiisaa jiran itti fufanii jiru. 

Bifuma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Bonayyaa Boshee gandoota adda addaa keessatti maatii qabsaawotaa hidhuu fi dararuun jabaatee jira.

Aanaa Bonayyaa Boshee ganda Bonayyaa Soskoo jedhamu irraa torban darbe gaafa Hagayya 30, 2024 ergamtoonni bilxiginnaa “ilmaan keessantu bosona jira” jechuun namoota maqaan isaanii: 

  1. Galaanaa Tasfaayee,
  2. Maammudee Raggaasaa,
  3. Siraaj Maammudee fi kanneen biroo hedduu ta’an gaaffii seeraa tokko malee qabuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun ganda “Caffee Konchii” jedhamu irraa nama maqaan isaa “Obbo Baqqalaa Caffee” jedhamu haadha warraa isaa waaliin waajjira poolisii aanaa Boonayyaa Bosheetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply