ONM-ABO Fulbaana 15, 2024
Wareegamaa fi aarsaa waraanni Bilisummaa Oromoo impaayera afaan qawween ijaaramte diiguuf gochaa jiru laayyoo kan hin taane yoo ta’u, cichoominaa fi jabina gooticha waraana Bilisummaa Oromoo jala dhaabbachuu kan dadhabe murni bilxiginnaa ammoo WBO’f hawaasa Oromoo addaan baasuuf holola yeroodhaa yerootti oofee fudhatama dhabuun amma ammoo sabicha qorqalbii cabsuuf guyyuu miidhaa jabaa qaqqabsiisaa jira.
Waggoota aangoo irra jiru kanatti abbaa irrummaa agarsiisuun murni badii Oromoo irratti dalagaa ture har’as sochii diddaa sabni Oromoo qabu fashalsuuf miidhaa raawwatu itti fufuun godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti saamicha qabeenyaa fi miidhaa namoota irratti raawwachaa akka jiru jiraattonni himan.
Fulbaana 10, 2024 humni waraana faashistii PP aanaa Jimmaa Arjoo irraa bobbaafaman aanaa Nuunnuu Qumbaa keessaa nama maqaan isaa Obbo Goobanaa Naga’oo jedhamu jalaa sangoota 6 saamuun, dabalataanis erga sangoota Obbo Goobanaa saamuun deebi’anii dargaggoo Daamxoo jalaas horii 5 jalaa offachuun akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru.


