• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti waraanni impaayera Itiyoophiyaa qabeenya uummataa saamuu fi mancaasuu itti fufe

Sep 16, 2024

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Waraanni naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne abbaa irree koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun, golee Oromiyaa cufa keessatti qabeenya uumamaa fi nam-tolchee osoo adda hin qoodin saamuu fi mancaasuu itti fufee jira.

Akkaataa kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti saamichaa fi mancaatiin qabeenyaa waraana goolessaa PP’n raawwatamu jabaatee jira.

Bulchiinsa magaalaa Karra Waayyuu jedhamutti Fulbaana 12, 2024 waraanni faashistii Abiy Ahimed mana jiraattota maqaan isaanii Bultii Addaamuu fi Obbo Musee jedhaman cabsanii seenuun qabeenya mana keessaa hanga humni danda’e erga saamanii booda, kan hafe ammoo caccabsuun mancaasanii deemuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gochi badii akkanaa kun kan irratti raawwatameef namootni kun badii qabaataniif osoo hin taane sababa Oromummaa isaanii qofaaf ta’uun ibsameera.

Leave a Reply