• Tue. Jan 13th, 2026

Raashiyaa fi Yukireen booji’amtoota waraanaa hidhaa turan wal jijjiiran

Sep 16, 2024

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Raashiyaa fi Yukireen Sanbata kaleessaa jijjiirraa hidhamtoota waraanaa kan biraa kan gaggeessan yoo ta’u, gama tokkoo tokkoon isaanini namoota 103 gadhiisuu isaanii Ministeerri Ittisaa Raashiyaa beeksiseera. 

“Waggaa kana Fulbaana 14, bu’aa adeemsa mariitiin, tajaajiltoonni Raashiyaa 103 naannoo (Raashiyaa) Kursik keessatti booji’aman naannoo mootummaa Kiiviin to’atame irraa deebifamaniiru.

Deebisee, booji’amtoonni waraanaa humnoota waraanaa Yukireen 103″ deebi’aniiru” jechuun ibsi ministeerichi baaseen beeksiseera.

Tarkaanfii ajaa’ibaatiin Yukireen ji’a darbe loltoota gara naannoo Kursik Raashiyaatti erguun qubsuma hedduu achitti qabadheera jetteetti.

Itti dabaluudhaanis, ”   Yunaayitid Arab Imireet loltoonni Raashiyaa booji’amanii akka deebi’an gahee gidduu seenummaa namoomaa taphatteetti,” jedheera.

Loltoonni Raashiyaa gadhiifaman hundi yeroo ammaa biyya ollaa Beelaaruus keessa jiru. Gara Raashiyaatti kan jijjiiraman yoo ta’u, dhaabbilee yaalaa Ministeera Ittisaatiin geggeeffamu keessatti wal’aansaa fi deebisanii dhaabuu akka argatan hubachiiseera.

Raashiyaa fi Yukireen erga waraanni kun Guraandhala 2022 eegalee as booji’amtoota waraanaa yeroo 60tti siqan jijjiirraa wal taasisaniiru.

Jijjiirraa isa dhumaa dura biyyoonni lamaan tokkoon tokkoon isaanii booji’amtoota waraanaa 115 Hagayya 24 waljijjiiraniiru, jijjiirraan kun kan Turkiin qindeessitee fi dachee Turkii irratti raawwatameedha jechuun aljezeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading