ONM-ABO Fulbaana 18, 2024
Ganamaa fi galgala boo’icha, qe’ee ibiddi akka aduu saafaa keessa laboobu, qonnaan bulaan dafqa isaa lolaasee qabeenyaa ofii fi maatii isaa jiraachisuuf horate waan sa’a tokko hin guunne keessatti dhabu, taateewwan Oromiyaa keessatti uummata Oromoo irratti murna bilxiginnaan raawwatamaa jiruudha.
Namoota nagaa ajjeesuun akka waan faayidaa isaaniif qabuu, akkasumas qabsoo bilisummaa Oromoof WBO’n geggeessaa jiru irraa akka waan tarkaanfii tokko duubatti deebisuutti kan fudhatan tiksitootni sirnichaa gaaffii seeraa tokko malee namoota nagaa irratti ajjeechaa geggeessaa jiran jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan godina Gujii Lixaa aanaa Bulee-Horaa ganda Qilleensoo keessatti maqaa maatii qabsaa’otaa jedhuun Galiilaa Baallii Cirirsaa nama jedhamu nama umuriin isaa 49 ta’e rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuun barameera.
Namni ajjeefame kunis qonnaan bulaa yoo ta’u, nama siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’ee fi jireenya dhuunfaa isaa jiraataa ture ta’uu namoonni ollaa isaanii ONM’tti himaniiru.




