• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti waraanni maafiyaa PP hawaasa nagaa saamuu cimsee itti fufe

Sep 21, 2024

ONM-ABO Fulbaana 17, 2024

Waraanni goleessaan PP bara aangoo koloneel Abiy Ahimed dheeressuu fi dantaa dhuunfaa isaa guuttachuuf Kiiloo 4 irraa   ajaja dabaa fudhachuun golee Oromiyaa cufatti bobbaafaman hawaasa nagaa sababoota garaa garaatiin yakkanii dararuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti saamichi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti raawwatamu jabaachuun namootni qe’ee isaanii irratti dararamaa jiru.

Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Lalisaa jedhamutti  Fulbaana 13, 2024 nama maqaan isaa “Mulaatuu Bayyanee” jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee, “situ buufata FTC diigee ijaarsa adda addaaf oolfate” jechuun qarshii kuma afurtamii tokko jalaa saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Ergamtoonni bilxiginnaa kun walii isaanii faayidaa dhuunfaa irratti wal dhabuun, hawaasa nagaa badii isaan hin dalagneen sobaan yakkanii dorgommii dinagdee isaaniif saamaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading