ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo bakka isaan jiran cufatti badii tokko malee Oromomummaa isaaniin yakkee qabee hidhuu, reebuu, saamuu fi ajjeesuu itti fufuun godina Matakkal aanaalee adda addaa keessatti miidhaa geessisuu itti fufe.
Haaluma kanaan aanaa Dibaax ganda Tuskii jedhamtu irraa Jimaata darbe Fulbaana 13, 2024 dargaggoo maqaan isaa Damisoo Baayyuu jedhamu badii tokko malee qabanii mana hidhaa ganda Gaalessaa jedhamtu geessuun reebicha hamaa irratti geggeessuun dararaa turan.
Dargaggeessi Oromoo kun reebicha hamaa isaan irratti raawwachaa turan irraa hafuu dadhabuun kaleessa Fulbaana 16, 2024 lubbuun isaa darbuuun barameera.
Gareen faashistii PP kun ilmaan Oromoo godina Matakkal aanaa Dibaax fi Bulan keessa jiran Oromummaa isaaniin dararaa kan jiru yoo ta’u, miidhaa ofii irraan ga’uun dabalatatti finxaaleeyyii Amaaraa fi uummata naannichaa itti kakaasuun qabeenyaa fi lubbuu isaanii balleessisaa turuunis ni beekama.



