• Fri. Mar 13th, 2026

Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon konkolaachisaa Oromoo tokko qabanii ajjeesuun dhagaa’ame 

Sep 21, 2024

ONM-ABO Fulbaana 17, 2024 

Gareen ilmaan namaaf naasuu hin qabne abjuu abboota isaanii deebisuuf jecha sabaa fi sab-lammiilee impaayerattii keessatti argaman irraa addatti saba Oromoo balaaleffachuun ajjeechaa suukkanneessaa irratti  raawwachuu  jabeessanii jiru.

Sirna mootiin bulu qabdi impaayerri Itiyoophiyaa jechuun gareen finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon humna impaayerattii bulchaa jiru Bilxiginnaa waliin ta’uun waggoottan ja’an darbanii kaasee kutaalee Oromiyaa Baha  Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Lixa Shaggarii fi Kaaba Shaggaritti daran sochii isaanii babaldhifachuun ajjeechaa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, guyyaa afuriin dura konkolaachisaa Oromoo tokko godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa fi daangaa naannoo Amaaraa gidduutti qabuun akka ukkaamsan jiraattonni ONM’tti himan 

Dargaggoon ukkaamfame kun maqaan isaa Milkeessaa Xilahuun kan jedhamu yoo ta’u, gareen jibbiinsa Oromummaa qaban jalqaba irratti maallaqa guddaa qarshii miliyoona tokko maatii isaatti bilbiluun gaafatanii turan. Maatiin jaarsummaa itti baasuun kadhatanis maallaqa gaafatan kaffaluu qabduun doorsisanii  harkaa kan fuudhan yoo ta’u, maallaqa erga fudhataniis qarshii kuma dhibba shan dabaltan malee hin baasnu akka jedhanis himan.

Maatiin ilmi keenya du’uu hin qabu jechuun uummata Oromoo bakkeewwan adda addaa irraa akka isaan deggeraniif qarshii gaafatanii qarshii kuma dhibba lama dabalataan kaffaluun nuuf baasaa yeroo jedhan gareen badii Faannoon jibbiinsa Oromoo irratti qabuun akka beeyladaatti gorra’ee ajjeesuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading