ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Murni aangoo of harkaa qabu PP’n yeroo gara aangootti dhufee kaasee “WBO balleessinaa” dhaadannoo godhachuun, yeroo adda addaatti loltoota isaa golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun maqaa sakatta’a WBO’n yeroo bobbaafaman tooftaa fi tarsiimoo lolaa waraanichaa dura dhaabbachuu dadhabuun hawaasa nagaa sababoota adda addaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkanii dararaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti hidhaan jiraattota irratti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun raawwatamu jabaatee jiraachuu jiraattonni eeranii jiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa bakka addaa Laga Horaa jedhamu irraa guyyaa kaleessaa Fulbaana 14, 2024 dargaggootni maqaan isaanii Waaqumaa Dinqaa fi Caaltuu Abdurrahmaan jedhaman badii tokko malee loltoota bilxiginnaan qabamanii aanaa Saasiggaatti geeffamuun hidhaatti darbatamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoonni kun hirmaannaa siyaasa kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun kan of-jireessan yoo ta’an, isaan keessaa dargaggoo Waaqumaan ogeessa fayyaa beeyiladaa ta’uun barameera.

