• Tue. Nov 24th, 2026

Biyya Soomaalii Laandii keessatti ilmaan Oromoo irratti reebichaa fi saamichi raawwatu cimee itti fufe

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 19, 2024

Ilmaan Oromoo sababa adda addaan biyya isaanii Oromiyaa gadi dhiisuun gara biyya hambaa imalan sababa Oromoo ta’an qofaaf yakkamanii dararaa hamaa arguu itti fufuun biyya Soomaalii Laandii magaalaa Hargeessaa jedhamu keessatti ilmaan Oromoo irratti reebichaa fi saamichi raawwatu cimee itti fufee jira.

Dargaggoo maqaan isaa Abdii Huseen jedhamu dhalattoota Soomaalii Laandiin butamee reebichi hamaa ta’e irratti raawwatamuun dirqamaan Shilingii biyyichaa 800,000 karaa bilbila isaan herrega qusannoo baankii isaanii irratti dabarfachuu dubbata.

“Gaafa Fulbaana 13, 2024 osoon bakka hojiitii galuu karaatti na eeggachuun magaalaa Hargeessaa keessatti na ukkaamsan kan jedhu dargaggoon kun, biyya keenya keessaa ba’i; Maal hojii biyya keenya dhufte jechuun na doorsisan jechuun, akkasumas, maqaa mootummaa Oromootu Soomaaliyaa adda qoodaa jiraa fi lafa keenya fudhachaa jira jedhuun miidhaa geessisan kan jabeessan yoo ta’u, yeroon dalagachuuf akkan dhaqe itti himu bilbila kiyya na harkaa fuudhanii reebicha hamaa narraan ga’uun maallaqa dabarfatanii deeman jechuun dubbata.

Ilmaan Oromoo magaalicha keessa jiran erga loltoonni isaanii impaayera Itiyoophiyaa keessatti leenji’anii biyya isaaniitti deebi’anii kaasee reebicha qaama laalessu, saamichaa fi ajjeechaa sabaan qoodanii raawwachaa akka jiran sagantaa keenya darbe irratti isiniif gabaasuun keenya kan yaadatamuudha. 

Leave a Reply