ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Waraanni naatoo tokkollee hawaasa keessaa dhalateef hin qabnee fi naamusa waraanummaan alatti gocha suukkaneessaa kanneen akka ajjechaa, saamichaa fi mana gubuu raawwachuun hiraarfama hammaataa uummaticha irratti raawwatan jabeessuun guyyarraa guyyaatti uummanni gidiraa keessummeessaa jira.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraa ganda Igguu Bachii jedhamu keessatti bobba’uun Fulbaana 18, 2024 mana namoota nagaa maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun mana Obbo Fiqaaduu Malkaa fi Imaanaa Malkaa obboleyyan lamaanitti abidda shidanii gubanii barbadeessuun maatii guutuu da’annoo dhabsiisanii jiraachuu maddeen keenya ibsan.
Gochi dabaan ilmaan Oromoo irratti waraana farreen kanaan raawwataa jiru uummaticha ba’uuf galuu dhorkee jiraachuun, waqtii gannaa roobaa jiru kanaan isaaf maatii isaa bakkeetti darbachuun uummata naannichaa hedduun mufachuun abdii kutannaa keessa seenanii jiraachuun barameera.


