ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) marii Moskoo waliin taasisaa ture yeroo hin murtoofneef dabarsuu isaa qondaalli Raashiyaa tokko beeksise.
“Hoggansi fandichaa hojiin ergama (IMF) yeroo hin murtoofneef akka darbu gama Raashiyaa fi boordii daayirektarootaaf beeksiseera,” jechuun Daarektarri Moskoo IMF keessatti Aleeksee Mozhin dhaabbata oduu mootummaa Taasitti himaniiru.
Qondaaltonni biyyoota Awurooppaa tokko tokko tumsa Moskoo fi IMF gidduutti deebi’anii jalqabuu isaanii ifatti akka kuffisan, akkasumas “marii akkanaa gaggeessuun fudhatama akka hin qabne” Raashiyaan beekti jedhan.
Akka Mozhin jedhutti murtoon IMF kun gama Raashiyaatti kan darbe yoo ta’u, ergamni fandichaa waliigaltee isaa keewwata 4 jalatti Moskoo waliin marii gaggeessuu qaba ture, kunis dhimma waggaa tokkoo oliif ka’ee ture jedhan.
Jalqaba baatii kanaa IMF ergamni isaa Fulbaana 16 aangawoota Raashiyaa waliin akka mari’atu kan beeksise yoo ta’u, sana booda gara biyyattiitti imaluun qaamaan wal arguuf akka ta’e beeksiseera.
Walgahiin kunniin erga waraanni Yukireen waggoota lamaa oliin dura jalqabee booda IMF qaama faayinaansii idil-addunyaa guddaa ergama gara Raashiyaa erguun isa jalqabaa taasisa ture.
Mariin fandichi yeroo dhumaaf Raashiyaa waliin taasise Fulbaana bara 2021 ture jechuun BBC’n gabaaseera.



