ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Waraanni naamusni waraanummaa itti hanqatu kanneen dantaa dhuunfaa isaanii fi sirna nam-tokkee qofa tiksuu filatan har’a Oromiyaa keessatti dantaan uummata keessaa dhalatanii itti dhagaa’amuu dhabuun waan hawaasa abdii kutachiisuu fi egeree isaaniif yaadessu irratti dalagaa oolu.
Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti loltoonni sirnichaa saamicha hamaa ta’e hawaasa nagaa irratti raawwachuun ibsameera.
Torban lamaan dura loltoonni Bilxiginnaa ganda Beerree Tirtiraa jedhamu irraa maqaa ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun namoota maqaan isaanii:
- Obbo Hacaaluu Riqixii jalaa horii 25,
- Obbo Shallamaa Hirphasaa jalaa horii 8,
- Alamaayyoo Shallamaa jalaa horii 5,
- Taaddasaa Shallamaa jalaa horii 3,
- Tolasaa Hacaaluu jalaa horii 9,
- Adaanaa Rafeeraa jalaa horii 6 fudhachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa ta’e jedhanii itti yaaduun uummata gara hiyyummaatti geessuuf hojjechaa jiraachuun barameera.
