• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Sep 22, 2024

ONM- ABO Fulbaana 18, 2024

Irree fi gaachanni saba Oromoo WBO’n sirna gabrummaa Oromoo irraa hundeen buqqisee Oromiyaa bilisoomtee fi walaboomte ijaaruuf tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufe jira.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa bakka addaa Haroo jedhamtutti har’a ganama Fulbaana 18, 2024 cichitoonni kaayyoo haqaa WBO’n sa’a 3:00 irraa eegalee bakka hanga 9:30 lola waraana faashistii PP bakka Sanqallee jedhamu buufattee uummata dararaa turte waliin taasiseen loltoota sirnichaa irraa 7 battalumatti ajjeesuun 12 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabeera.

Humni waraana PP kun konkolaataa paatroolii 2n madoo ishee magaalaa Booraatti geessuun barameera.

Tarkaanfii rifaasisaa fi guggubduu jajjabeen WBO Zoonii Kaabaa ergamtoota maafiyaa PP uummata Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuun hawaasa nagaa dararaa turte irratti fudhatee du’aa fi madoon adabe kanaanis, loltootni weerartuu PP Abiy Ahimed qofa aangoo irratti tiksuuf bobbaate kun baaragdee faffaca’uun of booda deebitee jirti.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu jabaatee itti fufa❗
Bilisummaan dhiigaan ni dhufa❗️

Injifannoon Uummata Oromoof‼️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading