ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuutti waraanni faashistii PP meeshaa guddaa ZU- 23 dhukaasuun loon dabalatee miidhaan qabeenyaa uummata irra ga’e
Waraanni sirna dhableen Bilxiginnaa gara jabummaa uummata nagaa irratti agarsiisan daran cimsuun maqaa sakattaa WBO’n baadiyyaatti bobbaafamuun meeshaalee waraanaa gurguddaa dhukaasanii qe’ee fi qabeenya irratti mancaatii raawwachaa jiru.
Fulbaana 18, 2024 waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Mandii irraa sochii gara ganda Abbaa Cinnaaluu jedhamutti taasisan meeshaa gurguddaa ZU-23 gabaa Facaasee keessa dhaabuun gara ganda Qoqoraa Gurraattii iddoo addaa Asir Gurraattii jedhamutti dhukaasuun loon 6 battalatti ajjeesanii midhaanii fi qabeenya biroo mancaasanii jiru.
Namni loon kunneen jalaa ajjeefame maqaan isaa obbo Dagaagaa Guddataa Kan jedhamu yoo ta’u, waraanni faashistii PP kunneen haalellaa WBO’n humnoota faashistii PP irratti Kibxata darbe tarkaanfii guggubduu fudhachuun du’aa fi madoon onicha keessatti adabeef haaloo ba’uu akka ta’es beekameera.

