ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate kalaquun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti sabicha dinagdeen quucarsuu fi dararaa hamaa uummata irraan ga’uu hammeessanii jiru.
Akka kanaanis godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti saamichi bifa adda addaan jiraattota irratti adeemsifamaa ture yeroo ammaa kanas abbootii qabeenyaa doqdoqqee irratti xiyyeeffachuun saamaa jiraachuun ibsameera.
Fulbaana 17, 2024 jiraattonni magaalichaa ONM’tti akka himanitti, “qabeenyi keenya ulaagaa abbaa qabeenyummaa guutus guutuu baatus, dirqama namni doqdoqqee qabu hundiyyuu maallaqa gaafatama, kan gaafatamus maallaqa qarshii kuma shanii hanga kuma kudhaniitti yoo ta’u, kanaanis kaffaltii waliin isaa hin beekamneen saamamaa jirra” jechuun dubbatu.
Irra caalaan abbootii qabeenyaa kanneen maallaqa hanga kana saamamaa jiran namoota manni isaanii magaalaa sana keessaa jalaa diigamee fi beenyaan isaaniif hin kaffalamne ta’uus itti dabaluun ibsanii jiru.

