• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti milishaan PP tokko erga leenjii xumureen booda of ajjeesuun dhagaa’ame

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Murni garboomfataa PP ilmaan Oromoo osoo isaan fedhii hin qabaatin dargaggootaa fi qotee bultoota humnaan qabanii gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun rakkoo hamaa agarsiisaa jira.

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti milishaan PP humnaan maatii fi qe’ee isaa irraa qabamee leenjifamaa ture  erga leenjii xumureen booda of ajjeesuun beekameera.

Fulbaana 17, 2024 milishaan PP maqaan isaa Abbayyaa jedhamu leenjii milishummaa isaaf kennamaa ture erga fixeen booda dararaa maatii isaa irraa gama nyaataan ga’aa jiru jibbuun funyoo mormatti of kaa’ee magaalaa Baabboo keessatti of ajjeesuu isaa jiraattonni magaalichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, milishoonni fi loltoonni sirnichaa hedduun ilmaan Oromoo irratti dararaa raawwachuu fi rakkoo jireenyaa isaan mudachaa jiru jibbuun  mooricha balfanii ba’aa jiraachuus ibsanii jiru.

Leave a Reply