ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Ergamtonni Bilxiginnaa akka ergamanitti ergama isaanii bahuu malee nagaa hawaasaaf yaaduu kan hin beekne, ga’ee isaanii wallaaluun nageenya lammilee eeguun hafee sirnichaaf meeshaa ta’uun uummata nagaa gara laafina tokko malee ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachaa jiru.
Kutaa Oromiyaa cufa keessatti waraanni Bilxiginnaan hawaasa nagaa badii tokko malee haala suukkannessaa ta’een ajjeesuu, gidirsuu, bahaa fi gala dhorkuun halkanii guyyaa jireenya yaaddoo akka jiraatan taasisanii jiru.
Haaluma kanaan Godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa ganda Biyyoo Qundhii Iddoo addaa Wajiboo jedhamu keessatti waraanni goolessaan Bilxiginnaa Fulbaana 17, 2024 nama nagaa maqaan isaa Fayyisaa Noottoo Bulaa Baatii jedhamu rasaasa 7 itti roobsuun ajjeesuun beekameera.
Namni ajjeefame kun nama nagaa siyaasa kam keessaa harka hin qabne kan hojii isaa hojjetatee jiraatuu fi hawaasa keessatti fudhatama guddaa qabu ta’uu jiraattonni naannoo sanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


