ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Somaaliyaan miseensa olaanaa dhaabbata shororkeessummaa al-Shahaab naannoo giddu galeessa Galgaduud keessatti to’annaa jala oolchuu ishee Roobii kaleessaa beeksisteetti.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Somaaliyaa hogganaa olaanaa garee shororkeessummaa al-Shabaab kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabu Alii Geellee duula waraanaa naannoo giddu galeessaa Galgaduud keessatti gaggeesseen to’annaa jala oolchuu Ministeerri Ittisaa biyyattii ibsa gabaabaa kenneen beeksiseera.
Waraanni Biyyoolessaa Somaaliyaa milishoota biyya keessaatiin deggaramee waggoota lamaa fi walakkaa darbaniif bulchiinsa kibba-giddugaleessatti al-Shabaab lolaa kan ture yoo ta’u, naannoo Mudug keessatti magaalaa tarsiimoo qarqara galaanaa Haradhere dabalatee naannoo bal’aa bilisa baaseera.
Somaaliyaan waggootaaf nageenya dhabuun kan dhiphatte yoo ta’u, balaan guddaan al-Shabaab fi gareewwan shororkeessummaa Daa’ish/ISIS irraa madda.
Al-Shabaab bara 2007 irraa eegalee mootummaa Somaaliyaa fi Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa ergama kallattii hedduu qabu kan Gamtaa Afrikaatiin hayyamamee fi Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniin ajajame lolaa ture.
Gareen shororkeessummaa kun erga preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad garee kana irratti ”waraana hunda galeessa” labsanii as haleellaa cimsee jira jechuun France 24 gabaaseera.



