• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Honqooloo Waabee keessatti  waraanni PP mana namaa gubuun barbadeessan  

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Addunyaa kana irratti namni kamuu mirga lubbuun jiraachuu kan qabuu fi jiraachuuf ammoo akkuma ogummaa isaatti wantoota garaa garaa dalagee kan jiraatu yoo ta’u, garuu impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummanni Oromoo faallaa kanaa mootota impaayerattii bulchaniin siyaasa kiyyatti buutan jedhamuun osoo seeraan wal gaafachuun jiruu manaa fi lubbuu isaaniin ala ta’aa jiru.

Haaluma kanaan godina Arsii Bahaa aanaa Hanqooloo Waabee ganda Maccituu Lamaanii keessatti Fulbaana 20, 2024 waraanni koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun uummata nagaatti bobbaafaman qabeenya hawaasaa erga saamaniin booda mana Obbo Turii Roobaa jedhamutti abidda shiduun gubanii barbadeessuun qarshii 15,000 fi uffata saamanii jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti Obbo Turiin nama guddaa abbaa maatii nama umurii 45 yoo ta’an, hidhataa WBO qabda jechuun mana lama jalaa gubuu dubbatan. Namni kun badii raawwate akka hin qabnee fi  gocha badaa waraanni sirnichaa raawwatetti hedduu mufachuun ofiifis gara booddeetti yaaddoo nageenyaa akka qaban hawaasni naannichaa dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading