ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Lubbuun ilmaan Oromoo biyyuma abbaa isaa irratti badii tokko malee murna impaayerattiin bulchaa jira jedhuun, Oromiyaa kallattii hundaan akka baala mukaatti guyyaa guyyaan harca’aa jira.
Haaluma kanaan godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti Fulbaana 18, 2024 waraanni goleessaan PP jiraataa ganda Huruta Doorii kan ta’e nama maqaan isaa Ibraahim Huseen jedhamu badii tokko malee manumatti ol itti seenuun suuraa isaa kan kanaan dura ka’ee ture mana keessaa fudhanii suuraan kun keeti mitii WBO waliin hidhata qabda jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen keenya gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.
Namni kun qonnaan bulaa akka ta’e kan nuuf himan maddeen, akkuma nama kamiittuu nama siyaasa irraa bilisa ta’ee hojii qonnaan ofii fi maatii isaa jiraachisuudha jechuun ibsan. Itti dabaluunis namoota ollaa isaa biratti nama jaallatamummaa guddaa qabuu fi akka jaarsa biyyaatti hawaasa isaa kan tajaajilu ta’uus dabaluun ibsaniiru.
Aanaa Jajuu kana keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo dahoo godhachuun garee PP kanaan midhaa guddaan uummata Oromoo irra gahaa jiraachuu maddeeen dabaluun ibsaniiru.

