ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Murni duguuggaa sanyii ilmaan haadha hiyyeessaa irratti labsuun Oromiyaa guutuu keessatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa oolu bilxiginaan duula uummata Oromoo lafa irraa balleessuu hojii godhate itti fufuun uummata nagaa irratti ajjeechaa raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 19, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Guusaa Baayimoo jedhamu keessatti, waraanni faashistii PP kanneen ajaja abbaa irree koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun bobba’an dargaggoo maqaan isaa Ifaa Qaabatoo jedhamu ” Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda” jechuun maallaqa qarshii kuma soddomii afur irraa fudhachuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni onichaa himanitti, waraanni sirnichaa kunneen akka barbaadan bobba’uun aanaa Dugdaa kana keessatti saamicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwachuun uummata garmalee sodaa hamtuu keessa galchanii jiraachuus dabaluun dubbataniiru.


