• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti hawaasa nagaa saamuu fi ajjeesuun akkuma itti fufetti jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Murni Bilxiginnaa abbaa irrummaa isaa daran cimsuun humna waraanaa hawaasa nagaatti bobbaasee humna cimaa sirnichaaf amanamummaa qabu, karoora ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi manneen jiraattotaa gubuuf ijaaree jiruun uummatni hiraarfamaa jira.

Bifuma kanaan karoora badii qabatanii jiran lafa irratti mul’isuun Fulbaana 19, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti nama maqaan isaa obbo Ifaa Qabaatoo Badhoo jedhamu waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan beekameera. 

Obbo Ifaan osoo hin ajjeefamin duras waraana abbaa irree Bilxiginnaa kanaan qarshii kuma soddoma akka saamame kan himan jiraattonni, yeroo gabaasni kun qindaayyetti maatiin akka hin awwallanneef dhorkuun bakkeetti eegaa akka turanis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading