ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti lubbuun ilmaan Oromoo hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun lafa deeman cufatti akka Bosonuutti adamfamanii ajjeefamaa fi achii buutee dhabamsiifamaa jiru.
Ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwatamu kun guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemaa kan jiru yoo ta’u, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraa ganda Lalisaa Komis irraa Fulbaana 18, 2024 waraanni weerartuun impaayerattii namoota nagaa maqaan isaanii Kamisoo Soorii fi Lalisaa Hambisaa jedhaman qabuun gara waajjira poolisii aanaa Qilxuu-Kaarraatti geessuun hidhanii erga hiraarsaa turanii booda guyyaa lama booda Fulbaana 20, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekamee jira.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis dargaggoota nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabduun akka ajjeefaman gabaafame.
Sababa malee ajjeefamuu dargaggoota kanaanis wal qabatee uummanni bakkichaa hedduu gadduu fi egereen isaanii illee yaaddessee akka jiru dabaluun addeessaniiru.
Akkasumas irra deddeebiin akka aanichaatti hidhaa jumlaan, saamichi qabeenyaa, gubaatiin manneen qonnaan bultootaa fi ajjeechaan seer-maleen geggeeffamu uummaticha sadarkaa abdii kutachiisuu irraan gahee akka jirus beekamee jira.

