• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaatti hidhattootni Fiinxaaleeyyii Amaaraa Faannoon halkan bakka namoonni rafanitti dhukaasa irratti bananiin namoota 4 ajjeesuun, saamicha qabeenyaas raawwatan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024

Hidhattootni Fiinxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii meeshaalee garaagaraa maqaa uummata Amaaraa eegduun hanga funyaatti koloneel Abiy Ahimediin hidhachiifaman, aadaa, duudhaa, safuu fi eenyummaa Oromoota Walloo dhabamsiisuuf duula duguuggaa sanyii uummaticha irratti waggoota hedduuf banaa turanii fi yeroo ammaas itti jiraniin, ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha qabeenyaa, gubaatii manneenii fi buqqaatii dabalatee hawaasa Oromoo irratti raawwachuun rakkoolee adda addaaf akka saaxilaman taasisaniiru. 

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Tuchee keessatti hidhattootni Fiinxaaleeyyii Amaaraa Faannoon halkan qe’ee hawaasaatti seenuun namoota hirriba rafaa jiran irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun dhagaa’ameera.

 Bifuma kanaan Kamisa darbe Fulbaana 19, 2024 barii Jimaatatti bari’u, halkan sa’a 10:00’tti hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon wal gurmeessanii qe’ee hawaasaa ganda Tuchee Libbaayitti seenuun namoota rafaa jiran irratti ajjeechaa suukanneessaa gegeessuun saamichas raawwatanii deeman.

Namoonni nagaan hidhattoota badii Fiinxaaleeyyii Amaaraa kanaan halkan sa’a 10:00’tti  iddoo hirriba irra jiranitti  ajjeefaman kunneenis Hasan Umar fi

Shaambal Yuusuf yoo ta’an, bulchaa ganda Tuchee kan ta’e  Obbo Mahaammad Huseenii fi Komaander Hasan kan jedhaman haala suukkanneessaa ta’een hidhattootni Faannoo kun erga ajjeesanii booda PKM tokko, qawwee AKM 4, rasaasa hedduu mana bulchaa kanaatii fudhatanii akka deeman jiraattotni dabaluun himaniiru. 

Humnoonni badii Fiinxaaleeyyii Amaaraa akeeka sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho’aa jiran kun godinicha keessatti irra deddeebiin duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti banaa jiraniin ajjeechaa suukkanneessaa  irratti raawwataniin cinatti, mancaatii qabeenyaa hangana hin jedhamne uummaticha irraan ga’uun rakkoo hamaaf saaxilanii jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply