ONM-ABO Fulbaana 23, 2024
Murni Bilxiginnaa yeroo ammaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dadhabee fuula isaa gara hawaasa nagaatti deebiffachuun hawaasa meesha-maleessa qabeenyaa fi lubbuu isaaniin ala taasisuu jabeessee itti fufee jira.
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti hidhattoonni PP hawaasa nagaa ajjeesuu fi manneen gubuu haala duraan barameen addatti cimsanii itti fufanii jiru.
Gareen garboomfattootaa PP’n loltoota safuu fi safeeffannaa akkasumas naamusa waraanummaa hin qabne uummata baadiyyaa irratti bobbaasuun aanaa Sayyoo Noolee ganda Koogiir jedhamu keessatti “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” maqaa jedhuun nama maqaan isaa Sheek Awwal jedhamu Fulbaana 17, 2014 badii tokko malee mana hidhaatii gadi baasuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.
Kana malees, loltoonni Bilxiginnaa ganduma kana keessaa nama maqaan isaa Obbo Waaqumaa Abdiisaa jedhamu jalaa Fulbaana 18, 2024 meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda waliin mana isaatti abidda shiduun badii tokko malee barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

