• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti loltoonni PP abbootii qabeenyaa karaa deeman irratti saamicha geggeessan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024 

Impaayerri dinagdeen laamshoofte dinagdeen of utubuuf jecha lafa seentuu fi  buutu kan dhabaa jirtu hawaasa Oromoo daldalaa fi qotee bulaa, hojjetaa fi hoji dhabaa osoo addaan hin qoodin saamaa jiraachuun himame.

Kanumaan wal qabatee, godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti loltoonni PP abbootii qabeenyaa karaa deeman irratti saamicha geggeessanii jiru.

Konkolaataa fe’umsaa Obaamaa jedhamee waamamu kan lakkoofsi gabatee isaa 80509 ta’e abbaan qabeenyaa konkolaatichaa Obbo Taarikuu Nugusee kan jedhamuu fi konkolaataa deddeebisaa uummataa kan ta’e gabateen isaa 53761 kan ta’e, abbaan qabeenyaa konkolaatichaa Obbo Badiluu  jedhamu, ammas konkolaataa gabateen isaa 50477 kan ta’e konkolaataa abbaan qabeenyaa isaa jiraataa aanaa Qilxuu Kaarraa kan ta’e  Obbo Jabeessaa  kan jedhamu Fulbaana 18, 2024 hidhan.

Guyyaa tokko bulchanii ”quunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jechuun erga sodaachisanii qarshii kuma soddoma-soddoma hunda isaanii irraa fuudhuun Fulbaana 19, 2024 gadi dhiisan.

Akka maddeen keenya eeranitti, warreen maqaan isaanii armaan olitti eeraman hundi siyaasa kam irraa illee bilisa ta’uu fi badii tokko kan hin qabne yoo ta’an, hojjettootni Bilxiginnaa saamicha ifaa geggeessaa jiraachuu ifatti kan namatti agarsiisu ta’uun  barameera.

Leave a Reply