• Sat. May 9th, 2026

Lixa Oromiyaa Aanaalee garaagaraa keessatti Bilxiginnaan milishoota Amaaraa waliin ta’uun walitti bu’iinsa uumuuf barruu bittimsan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024 

Sirni abbaa irree uummata bulchuuf eegumsa, kunuunsaa fi guddina fiduuf kan carraaqu osoo hin taane, abjuun halkanii fi guyyaa isa dhiphisu akkaataa itti saboota addaan qooduun walitti naqee aangoo isaa dheereffatu baafachuun saboota walitti buusee bu’aa siyaasaa keessaa barbaaddachuun amala isaati.

Bilxiginnaan waggoottan ja’an kana keessatti abbootii irree addunyaan kun keessummeessite caalaa, keessumattuu gama amantaa fi saboota gara daangaa jiran fayyadamuun bu’aa siyaasaa keessaa argachuuf uummata bulchu meeshaa taasifachuun walitti buusee wal nyaachisaa jira.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti murni bilxiginnaa teessoo isaa akka tiksanii fi ittiin uummata Oromoo nagaa dhowwee jiraachuuf milishoota Amaaraa kana leenjisee qawwee hidhachiisuun uummata waliin jiraachaa ture walitti diinomsee gidduutti daldala siyaasaa gaggeessaa jira.

Akka Lixa Oromiyaatti godinaalee akka Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti milishoonni kunneen finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun yeroo Adda addaatti bilxiginnaan bobbaafamanii rakkoolee hammana hin jedhamne gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa qaqqabsiisaniiru.

Haaluma kanaan aanaalee godina kanaa kanneen akka Giddaa Ayyaanaa, Amuuruu, Kiraamuu, Abee Dongoroo, Eebantuu, Bulchiinsa magaalaa Guuttin, Sibuu Siree fi Guutoo Giddaa keessatti walitti bu’iinsa uumuuf milishoonni Amaaraa barruu bittimsaa jiraachuun beekameera.

Barruu bittimsuun waamicha milishoonni saba Amaaraa taasisan kun jequmsa uumuuf ajandaa Bilxiginnaa waliin dukkana keessatti bocame ta’uun ifaa yoo ta’u kunis uummata qe’ee isa irra jiru Oromoo jeequmsaan dadhabsiisanii teessoo siyaasa isaanii tiksuuf ajandaa uumame ta’uun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading