• Tue. Jan 13th, 2026

Hogganaan Mootummoota Gamtoomanii haala Sudaan El Fasher keessaa ‘gadi fageenyaan’ sodaatan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024 

Barreessaan olaanaa  Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez haleellaa guutuu magaalaa guddoo bulchiinsa Sudaan Kaaba Daarfuur kan taate El Fasher irratti humnoota dafee qaqqabaa (RSF) raawwatame gabaafamuu isaatiin sodaa hamaan itti dhaga’amuu dubbi himaan isaanii sanbata kaleessaa ibsan.

Sudaan lola waraanaa, kan hogganaa Mana Maree Abbaa Biyyummaa biyya bulchaa jiru Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaniin durfamuu fi RSF itti aanaa isaanii duraanii Dagalootiin hoogganamu gidduutti uumameen liqimfamtee jirti.

Waldhabdee Ebla bara 2023 eegale kanaan yoo xiqqaate namoonni 12,260 yoo du’an, 33,000 ol ammoo madaa’uu isaanii lakkoofsi UN ni mul’isa.

Namoonni gara miliyoona 6.8 ta’an Sudaan ykn biyyoota ollaa keessatti nageenya barbaaduuf qe’ee isaanii irraa baqataniiru.

Waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu hedduun jiddu-galeessitoota Sa’uudii fi Ameerikaan geggeeffamus jeequmsa kana xumuruu hin dandeenye jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading