ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Waraanni maafi’aa Bilxiginnaa haafaa fi baala walitti guuree waanuma sababa hin taaneen uummata Oromoo rakkisaa kan jiru ammas bifuma dura barateen namoota nagaa maqaa ilmaan isaaniin yakkanii qabuun hidhaa keessatti dararaa jiru.
Maatiin qabsaa’otaa kunneen waan ofii keessa hin jirreen balleessaa tokkollee osoo hin qabaatin yeroo dheeraaf gaaffii tokko malee bakka adda addaatti rakkachaa jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Kaarruu Warra Roobaa jedhamtu keessatti Fulbaana 1, 2024 irraa kaasee hanga guyyaa har’aatti badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuun beekameera.
Maatiin qabsaa’otaa kunneen maqaan isaanii:
- Olaanaa Dhugaasaa maanguddoo Ganna 80,
- Abbabee Dhaabaa nama Ganna 55,
- Alamuu Gaarumaa nama Ganna 49,
- Damee Dhaabaa nama Ganna 46,
- Cimdeessaa Taaddasaa nama Ganna 55 fi
- Aadde Sintaayyoo kan jedhamtu dubartii ganna 32 ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

