ONM-ABO Fulbaana 20, 2024
Helikooptarri waraanaa loltoota nagaa eegsistoota idil-addunyaa fe’ee ture Kamisa kaleessaa qarqara magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti kuftee jirti.
Loltoota Yugaandaa sadii kanneen Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) waliin tajaajilan dabalatee hojjettoonni waraanaa helikooptara kanarra turan hedduun balaa kanarraa lubbuun hafuu maddeen nageenyaa ni mul’isu.
Taatee kanaan lubbuun namaa hin darbine jechuun qondaalli waraanaa tokko bilbilaan Anadolutti himuun, miidiyaa waliin haasa’uuf hayyama waan hin qabneef maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate.
Hanga ammaatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Somaalee (SNA)s ta’e ATMIS taatee kana ilaalchisee ibsa hin baafne.
Haa ta’u malee namoonni helikooptara kana keessa turan hundi baraaramuu isaanii maddeen himaniiru.
Balaan kun dhimma teeknikaa moo ibidda diinummaatiin kan ka’e ta’uun isaa ifa miti.
Helikooptarri kun Moqaadishoo irraa gara buufata xiyyaaraa Baalidoogle, bakka humnoonni Ameerikaa fi komaandoowwan waraana Somaaliyaa Danaab buufatanitti balali’aa ture.
Baaliodoogleen Moqaadishoo irraa gara kibba dhihaatti kiiloo meetira 90 fagaatti jechuun Anaadooluun gabaaseera.




