• Sat. Sep 26th, 2026

Ka’uu Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa ilaalchisee (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Sep 25, 2024

Yakka waraanaa fi sarbamiinsa mirga dhala namaa akkasumas qaala’iinsa jireenyaa hamaa fi yaaddessaa dantaa-dhaba Mootummaan faashistii Itoophiyaa PPn hogganamu dhaqqabsiise mormuun, Qeerron Bilisummaa Oromoo (QBO) duula Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Fulbaana 6, 2024 labsee hojii irra oolchuun isaa ni yaadatama.

Doorsisaa fi dararri ulfaataan humna waraana PPn qaamota labsii sana hojii irra oolchan muudatus uummanni keenya labsii labsame ofitti fuudhachuun, Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin ta’ee labsicha milkeessuun cinaatti, ‘caasaan garee’ dadhabaa fi bututaa PP yoomuu wabii nagaa fi tasgabbii, akkasumas furmaata rakkoo sabaa fi sablammii impaayerattii ta’uu akka hin dandeenye mul’isee jira. Kasaaraa siyaasaa fi diinagdee guddaas garee saamtotaa maqaa mootummaan of ijaaruun uummata saamaa jiran irraanis ga’ee jira.

Kana malees qaamni ‘Ani Mootummaa’ ofiin jedhu rakkoo sabaa fi sablammoonni cunqurfamoon impaayerattii keessa jiran furuuf dantaa dhabuun, akkasumas tuffii uummata kanaaf qabuuf jecha, deebii tokkollee kennuu dhabuun uummatoonni cunqurfamoon impaayera tana keessa jiran waloon qabsoo sirna gabroomsaa irratti godhan cimsanii akka itti fufan kan akeeku ta’uus gochaan arginee jirra.

Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa labseen Qeerron Bilisummaa Oromoo guutuumaan guutuutti kan milkaa’e yoo ta’u, qote bulaan oomisha gabaan akka ga’atu, imalli Irreessaa fi barattoota yuunivarsiitii akka hin danqamnee fi uummanni keenya iddoodhaa iddootti socha’u rakkoorra akka hin buuneef jecha Fulbaana 25, 2024 galgala sa’aa 12 irraa kaasee Labsiin labsamee ture ka’uu kabajaan isin beeksisna.

Qaamonni Labsii labsame milkeessuu keessatti qooda keessan ba’achaa turtan,
Qaamni Labsiin kun erga ka’ee sochii uummatatti danqaa ta’uu barbaadu yoo jiraate gamtaan akka dura dhaabbattan, saaxiltan akkasumas uummanni sochii tasgabbii fi marabbaa qabu akka godhuuf qooda keessan akka ba’attan asumaan isin gaafanna.


Labsiin labsame ka’uu ibsa jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO) baase maxxansaan argatanii fi Arraata biyyoolessa Oromiyaa irraa akka mirkaneeffattan isin hubachiifna.

Injifannoon Ummata Oromoof !
Fulbaana 25, 2024
Finfinnee Oromiyaa

 Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading