• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Ergamtoonni dantaa fi faayidaa dhuunfaa isaanii qofa durfachuun garaa furdifatanii ilmaan Oromoo immoo afaan qawwee itti qabuun doorsisanii waan fedhii isaanii dirqamsiisuun irratti raawwachaa jiran jaleen Bilxiginnaa diinagdee uummata Oromoo roga isaaniif danda’ame maraan dadhabsiisuuf halkanii fi guyyaa ifaajaa jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Harargee aanaa Baddannootti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Baddannoo araddaa Raaree Jannataa jedhamu keessatti ergamtoonni murna nama nyaataa ergama qaama isaanii olii milkeessuuf jecha, ilmaan Oromoo dararuun afaan qawwee itti qabanii maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun qarshii dhibba afur afur akkasumas, muka ittiin ijaaramu dirqamaan guursisaa jiru.

Yeroo adda addaa maqaa garaa garaa itti dhahuun ergamtootni Bilxiginnaa qarshii guuraa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo bifa haarawwaa ta’een saamichi ulfaataan irratti geggeeffamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa himan.

Addatti immoo bulchaan araddichaa namni maqaan isaa Huseen Ahimad jedhamu milishoota hawaasa irratti bobbaasuun garmalee mirga jiraattotaa sarbee miidhaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply