• Thu. Nov 26th, 2026

Waraanni faashistii impaayera Itiyoophiyaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo Aanaa Baatee keessatti hawaasa nagaa hidhee dararaa jiraachuun ifoome

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti murni bilxiginnaa heeraa fi seera barreeffamee jiruun ala ta’uun akkuma barbaadanitti Oromiyaa keessatti seer-dhablummaa babali’sanii murtii seeraa tokko malee namoota nagaa irratti bakkaa fi lafa arganitti dhiittaa mirga namoomaa raawwachaa oolu.

Haaluma kanaan Fulbaana 21, 2024 waraanni goolessituun sirnichaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Obbo Indiriis Aadam 
  2. Ga’as Sa’iid  fi
  3. Hamzaa Abduu Yaasin hojii daldalaa kan hojjetan
  4. Mohaammadjuud Indiriisii fi
  5. Aadam Indiriis konkolaachistoota Baajajii kan ta’an akkasumas,
  6. Indiriis Sa’iid Siraaj fi
  7. Aadam Indiriis Alii

barattoota kan ta’an badii tokko malee maqaa quunnamtii Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun waajjira poolisii aanaa Baateetti hidhuudhaan dararaa suukkanneessaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraataan aanichaa sababa nageenya isaaniif jecha maqaan isaa akka hin waamamne barbaadu tokko nuuf himanii jiru.

Akka jiraataan aanichaa kun nuuf himanitti namoonni maqaan isaanii armaan Olitti caqasame kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda qabaatanii osoo hin taane, Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii yoo ta’u, tikoonni murna nama nyaataa Bilxiginnaa sabboontota ilmaan Oromoo kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu illee baatii sadii fi isaa ol, badii tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa akka jiranis dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply