ONM-ABO Fulbaana 26, 2024
Taateen uummata irratti karaa gara jabeeyyii garee Bilxiginnaan adeemaa jiru abdii kutannaa guddaa keessa galchee kan jiru jiraattota godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa dararaa ergamtoota Bilxiginnaan irratti raawwataa jiruun hanga qe’ee irraa godaanuutti ga’aa jiraachuun barameera.
Waraanni faashistii PP caasaa gandaa deebisnee ijaarra jechuun bobbaafaman uummataan qarshii buusaa waajjira gandaa fi mana kaabinee dirqamaan ijaaruu qabdu, lafa qonnaa kuduraan itti oomishamu qopheessaa, qamadii malee akka hin facaafne jechuun dirqisiisuu, eebbifamtoota koolleejjii fi Universiitii IMX’n isin ijaarree hojii isinii kennina walga’ii hirmaadhaa jechuun gandoota baadiyyaa keessatti hawaasa dararaa akka jiran himameera.
Keessattuu nama maqaan isaa Gazzaany Maammoo jedhamu ganda Zangiitti ramadamee hojjechaa kan jiru, kana duras hojii hannaa fi saamichatti miseensa humna waraanaa raayyaa ittisa impaayerattii waliin hirmaachaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaas uummata dararuun ani foon malee hin nyaadhu jedhee horii uummataa lukkuu kaasee hanga looniitti qalachaa jiraachuun dhagaa’ameera.
Kana malees hawaasa doorsisa guddaa erga irratti raawwateen booda waraana isin irraan dhorka jechuun maallaqa akka fudhatu kan himamu yoo ta’u, haalli jiraattonni keessa jiran haalaan yaaddeessa ta’uu ONM’tti himaniiru.

