• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sooddoo Daaccii keessatti dargaggeessi nagaan tokko yoo ajjeefamu tokko madaa’e

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Waraanni ilmaan Oromoo ajjeesee dhiiga isaanii bineensa nyaachisuu  aadeffate bilxiginnaan Fulbaana 25, 2024 waaree booda toora sa’a 10:00’tti godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Ganyuu Goolam jedhamu keessatti dargaggeessa nagaa maqaan isaa Abbuu Girmaa jedhamu rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, Kaasuu Walduu kan jedhamu ammoo harka irra rukutuun kan madeessan ta’uu jiraattonni dubbatan. 

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti dargaggoonni kun balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi sababuma Oromummaa isaanii qofaaf ajjeefamuu fi madaa’uu ibsan.

Dargaggoon summii rasaasa sirnichaan madaa’e yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti akka argamus dabalanii ibsaniiru. 

Impaayera dulloomtuu itti fufsiisuuf warreen aangoo mi’eeffatanii aangoo irra bubbuluuf hojjetan haqa uummata bal’aa ukkaamsuun cafaqanii akka bulchaniif waraana isaanii guutuu impaayerattii keessatti bobbaasuun guyyaa guyyaatti gocha dabaa saamicha, hidhaa, ajjeechaa fi gochoota safuu hawaasichaa cabsu raawwachaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis qe’een uummata Oromoo gidiraa hedduu keessummeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading