• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti dargaggoon tokko waraana murna maafi’aa PP’n ajjeefame 

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Gareen faashistii PP sabni Oromoo nagaan qe’ee isaa irra akka hin jiraanneef  yakkoota gurguddaa irratti raawwachuun abdii kutatanii gadi jedhanii akka bulaniif hojii hammeenyaa tarsiimoo godhatee hojjechuu jabeessee jira.

Uummanni Oromoo impaayerattii keessatti mirga namoomaa isaa mulqamee, mirga dubbachuu, barachuu, ba’ee nagaan galuu kan kennaa uumamaa waaqni isaaf kenne faashistoota PP’n sarbamuun hiraarfamaa kan jiru Fulbaana 23, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Aciyoo Hordaa jedhamu irraa dargaggoon maqaan isaa Mulgeetaa Bocii jedhamu ukkaamfamuun Fulbaana 25, 2024 gara jabina waraana garboomfataa PP’n mooraa irraa baafamee ajjeefamuun himameera. 

Humnoonni sirna  bittaa Habashaa durii koloneel Abiy Ahimed jalatti deebisuuf hojjetan jibbaa fi balaalleffannaa Oromoof qaban agarsiisuun uummaticha ba’aa fi gala dhorkaa  jiru. Keessattuu aanichatti ajjeechaa raawwatan malees hidhaa jabeessuun Fulbaana 25, 2024 aanuma Begii ganda Waabaraa keessaa namoota maqaan isaanii Sambii Mulgeetaa fi Toofik Karuumee jedhaman manatti itti marsuun qabanii mooraa waraanaatti darbanii dararaa ulfaataa irratti taasisaa jiraachuun dhagaa’ameera.

Sabni Oromoo akka sabaatti impaayera Itiyoophiyaa keessatti duguugamuu fi ukkaamfamuun isaa miidiyaalee addunyaa jalaa dhokatee kan jiru yoo ta’u, yakka tokko malee murteen dabaa itti murtaa’uun namoota baratan, kanneen sabboonummaa qomoo fi aantummaa sabaaf dubbatan dabalatee ol adeemtonni dhumaatiin itti murtaa’ee raawwachaa jira jechuun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading