• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Ganjii keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesuu jabeesse

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Golee Oromiyaa cufa keessatti waraanni bilxiginnaa sababoota garaagaraa wabeefachuun badii tokko malee ilmaan Oromoo akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu fi hidhuun kaayyoo fi akeeka Bilxiginnaa galmaan ga’uuf tattaafataa jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Lalisaa Honbo’oo jedhamu keessatti Fulbaana 22, 2024 dargaggoota lama kan maqaan isaanii Yoonee Wari’oo fi Jireenyaa Iggaazuu jedhaman maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun mana maatii isaanii biraa qabuudhaan gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaanii jiraataan gandichaa tokko ONM’tti hime.

Akka jiraataan gandichaa jedhutti, dargaggoonni kunneen hawaasa gandichaa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qabanii fi siyaasaa kam keessayyuu qooda kan hin qabne ta’uu ibse.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading