ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Waraanni bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaatiin Oromiyaa keessatti bobbaafaman ilmaan Oromoo irratti duula waraaanaa banuun qe’ee fi qabeenya isaanii irratti akka bosonuutti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi manneen jireenyaa irratti gubuun gochoota suukkaneessaa gurraan illee dhaga’uuf namatti hin tolle raawwachaa jiru jabeesssee jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Lalisaa Didibbee keessatti Fulbaana 18, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Buusaa Bantii
- Obbo Taaddasaa Alamuu
- Obbo Tashaalee
- Obbo Masgabuu Waaqwayyaa
- Obbo Sayiduu Abduu fi
- Obbo Getaachoo Immiruu jedhaman jalaa manneen isaanii gubuun guutummaan guutuutti barbadeessanii alatti hambisuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Gochaan akkasii kun kutaalee Oromiyaa maratti humnoota waraana nama nyaataa PP’n uummata meesha-maleeyyii irratti rawwatamaa jiraachuu eeruun, akka aanichaatti rakkoon humnaa olii raawwatamaa jiruun hawaasni yaaddoo jireenyaa keessa galuun bakka jireenyaa jijjiirrachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

