• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Yuubdootti dargaggoonni lama waraana bilxiginnaan ajjeefamuun himame

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Sabni Oromoo sababa ‘Oromummaa’ isaa qofaaf yakkamee qe’ee isaa irra nagaan jiraachuu dhabuun, mirgi lubbuun jiraachuu isaa jalaa sarbamuun bara dhufaa darbaa ergamtoota sirnichaan dararaa fi yakkoonni tilmaama hin qabne irratti raawwatamaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdootti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa dargaggoota lama ajjeesuu maddeen eeran.

Aanaa Yuubdoo ganda “Alaguu Doggomaa” jedhamu irraa Fulbaana 22, 2024 dargaggoo “Yoonaa Waarii” jedhamuu fi dargaggoo kan biroo maqaan isaa hin eeramne tokko loltootni bilxiginnaa farra riphee lolaa jedhamuun beekaman ganda “Somboo’ jedhamu geessuun rasaasa itti roobsanii haala suukanneessaa ta’een uummata duratti ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ergamtoonni PP kun, gandicha keessatti irra deddeebiin gochoota gara jabinaa hammeenyaan guutaman hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, uummata nagaadhaan waliin jiraatu gidduuttillee wal qoodiinsa uumuun, gidduu isaaniitti walitti bu’iinsi akka uumamu taasisaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply