ONM-ABO Fulbaana 25, 2024
Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf maqaa nageenya kabachiisuu jedhuun kan bobbaafaman loltoonni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkanii miidhaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti loltoonni bilxiginnaa dargaggoota lama achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen eeran.
Magaalaa Arjoo Guddattuu ganda 02 irraa Fulbaana 22, 2024 dargaggootni maqaan isaanii Abdii Waayimaa fi Sintaayyoo Muloo jedhaman badii tokko malee loltoota sirnichaan halkan mana jireenyaa isaaniitii ukkaamfamuun, eessa akka geeffaman wallaalamee jira.
Yeroo ammaa kanas maatiin ijoollee kanaa bakka isaan jiran dhabuun yaaddoo guddaa keessa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa waggoota ja’an kana hidhaan uummata Oromoo gidirsuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun ilmaan Oromoo kuma dhibbaan lakkaa’aman hidhee dararuun murnoota impaayerattii bulchaa turan irraa kan adda isa taasisu ta’uun ni beekama.

