• Wed. Nov 25th, 2026

Hogganaan mirgaa namoomaa Mootummoota Gamtoomanii rakkoo Libaanos furuuf tattaaffiin dippilomaasii akka taasifamu gaafate

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024

Hogganaan mirga namoomaa  Mootummoota Gamtoomanii Kibxata kaleessa namni dhiibbaa Baha Giddu galeessaa ykn bakka biraatti qabu kamiyyuu diinummaa Israa’elii fi Hizbullaa gidduutti uumamu dabalataan akka hin hammaanneef akka yaalu gaafachuun walitti bu’iinsi kun hammaataa dhufuu isaatiinis sodaa qaban dhageessisaniiru.

Dubbi himaan Turk ibsa gaazexeessitootaaf Jenevaatti kennaniin, “Komishinarri Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Volker Türk Biyyoonni fi qooda fudhattoonni naannichaa fi sanaa ol dhiibbaa qaban hundi waraanni kun hammachuu dabalataa akka hin uumne ittisuu fi seerri idil-addunyaa guutummaatti akka kabajamu waan danda’an hunda akka godhan gaafatee jira.

Ibsa gaazexeessummaa wal fakkaatu kana irratti qondaalli WHO Libaanos Abdinaasir Abubakar akka jedhanitti, hospitaalonni Libaanos tokko tokko namoota madaa’an kumaatamaan lakkaa’aman dhufaniin kan guutame yoo ta’u, hedduun isaanii ijaa fi fuula isaanii irratti miidhaan irra ga’eera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply