• Sun. Jan 11th, 2026

Waraanni faashistii PP Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti qabeenya uummataa saamuun himame

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Qabeenya ilmaan Oromoo saamee dinagdeen quucarsuuf kan carraaqu akkasumas, lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu waan dadhabeef duula duguuggaa sanyii sabicha irratti raawwachaa kan jiru waraanni sirna dhableessi Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti sabboontota ilmaan Oromoo hiraarsuu cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaan, waraanni  PP Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii keessatti qabeenya uummataa saamuun namoota nagaa irratti reebicha hamaa geessisaa jiraachuun ifoomeera.

Fulbaana 25, 2024 waraanni Bilxiginnaa aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessatti nama maqaan isaa Obbo Bareedaa Bunee jedhamu jalaa loon lama saamuun, dargaggoo Daani’eel Caalaa jedhamu ammoo badii tokko malee reebicha suukanneessaa irratti raawwachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen yakka qabaatanii osoo hin taane “ilmaan keessanii fi obbolaa keessantu bosona jira” maqaa jedhuun saamuu fi reebuu isaanii himuun, wayita ammaa kana dargaggoon Daani’eel reebicha irratti dhaqqabeen du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu fii yaala tokkollee kan hin arganne ta’uu miira gaddaan guutameen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading