• Thu. Jan 8th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti miseensi Raayyaa Ittisa impaayeratti tokko WBO’tti harka kennate

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Afaan qawween doorsisee fedhii isaanii ala  dargaggoota Oromoo qabee leenjii waraanaa kenneefii barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf ilmaan Oromoo hiraarsaa kan oolu murni badee balleessaan bilxiginnaa, yeroo irraa gara yerootti humnaan qabee leenjisus, kanneen aantummaan saba isaanii itti dhagaa’amee fi hammeenya sirnachaa hubatan ammoo guyyuu golee Oromiyaa cufa keessatti hidhannoo guutuun WBO’tti makamaa jiru.

Bifuma kanaan Fulbaana 14, 2024 Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko hidhannoo guutuun abdii fi gaachana saba isaa WBO’tti harka kennatee jiraachuu odeessi WBO lafa sana keessa socho’u irraa arganne ni addeessa.

Miseensi Bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’e kun qawwee Turkii abbaa 26, fi abbaa 10 tokko, walumaa gala qawwee 2, rasaasa 227 fi hidhannoo 2 waliin mooraa diinaa keessaa ba’uun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamee  jira. 

Ittuma fufuun simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun kanaan dura osoo hin hubatin sirna garboomfataa kanaaf meeshaa baatee tajaajilaa turuu isaatti gaabbuun ilmaan Oromoo achitti hafanii diinaaf meeshaa baachaa jiraniin osoo yeroon isin hin darbin hidhannoo fi qawwee keessan waliin qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeeffamaa jiruutti makamaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading