• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Lumeetti waraanni faashistii PP konkolaachisaa tokko irratti reebichaa fi hidhaa raawwachuun, dhukkubaaf saaxiluun himame

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Ilma namaaf naasuu tokko kan hin qabne, gara deemanitti namoota nagaa irratti harka isaanii kaasaa kan oolan ergamtoonni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa  magaalaa fi baadiyyaa osoo hin jenne guyyaa guyyaan hawaasa nagaa hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii jiraatan irratti miidhaa garaagaraa raawwachuu itti fufanii jiru

Haaluma kanaan, godina Baha Shaggar aanaa Lumeetti loltoonni sirnichaa konkolaachisaa tokko irratti reebichaa fi hidhaa raawwachuun, dhukkubaaf saaxilanii jiraachuu maddeen himan.

Magaalaa Mojootti torban darbe Fulbaana 20, 2024 konkolaachiisaa maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko, konkolaataa Siinoo Tiraakii jedhamu kan konkolaachisu loltoonni Bilxiginnaa dirqama nu fe’i jechuun, yeroo konkolaachiisaan kun ani deemuu hin danda’u na dhukkubaa jira, konkolaataan koos rakkoo teekinikaa qaba deemuu hin danda’u jedhutti, maaliif nu sobda jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’anii booda gara mooraa waraanaa geessuun guyyaa sadii guutuu hidhanii dararaa turanii dhibee kaleef saaxiluun gadi lakkisan. Konkolaachisaan kun , yeroo ammaa yaalaa fayyaa irra jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading