ONM-ABO Fulbaana 30, 2024
Sirni kufuuf qarree irra marmaaraa jiru bilxiginnaan dargaggoota abdii biyyaa ta’an, ol- adeemtota sabichi boruuf abdatu badii tokko malee mana hidhaatti naquun gidirsaa jiru.
Maqaa sobaa itti maxxansuun waan namoonni hin beekneen ergamtoonni murna bilxiginnaa kunneen gubbaa irraa ajaja fudhatanii hawaasa keessa bobbaafaman namoota nagaa badii tokko malee gidirsuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Booranaa magaalaa Yaaballoo keessatti maqaa WBO deggartu jedhuun namoonni hedduun hidhamanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa dargaggoon maqaan isaa Abguddoo Warquu jedhamu Fulbaana 28, 2024 hidhamuun ni beekama.
Dargaggoon kunis nama nagaa hojii humnaa hojjechuun of jiraachisu yoo ta’u nama ilaalcha siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’eedha kan jedhan maddeen, maqaa WBO deggarta jedhamuun akka mana hidhaatti darbatamee dararamaa jirus ibsan.
Namoonni danuunis gochaa isaanii malee maqaa WBO deggartu jedhuun yakkamuun waajjira poolisii magaalichaa keessatti dararamaa akka jiranis baramee jira.
Bulchaan godinichaa namni maqaan isaa Abdulsalaam Waariyoo jedhamu milishoota kanneen hawaasa keessa bobbaasuun dhiittaa mirgoota namoomaa irratti raawwachisaa akka jirus beekamee jira.

